Saturday 21 July 2012

Meles zenawi du'uun isaa mirkaneeffamee jira

       Meles zenawi yeroo dheeraf haalli dhukkuba isaa qondaalota mootummaa wayyaanetiin dhokfamaa kan ture yeroo ammaa kana garuu du'uun isaa mirkaneeffamee jira.akkuma beekamutti kalessa gaafa guyyaa 20/07/2012 kan maxxanfame gaazexaan biyya beljig kan maqaan isaa partir economique jedhamu kan dhaabbata dhuunfaa kan ta'e waa'ee faffaa mallas zeenawwii yeroo dheeraf dhokfamaa kan ture kalessa icittii tokkollee otuu hin dhoksin gaazexaan kun gabaasee jira.Akka gaazexaan kun gabaasetti mallas zeenawwii yeroo dheeraa deddeebi'ee biyya kanatti wal'dhaanamaa kan turee fii dhukkubbiin isaas cancer mataa ta'uu isaa kan mirkaneesse barreeffamni kun mallae yeroo ammaa kan du'ee kutaa reenfaa lakkoofsa 213 keessatti akka argamu beeksisee jira.haadha mana isaa hazeb masfin fii mucayyoo isaa teketay meles kan jedhaman kutaa reenfaa kana keessa kan turanii fii yeroo ammaa kana garuu boqonnaa fudhachuuf gara hotela maqan isaa contenital jedhamu keessatti akka argamanis addeessee jira.

       Egaa otuu kuni hundi jiruu qondaalotni habashaa fii wayyaanee akkuma gaafa minilik du'ee sanatti reenfa mana kaayanii minilik hin duune jira jechaa akkuma turan sanatti ammas mallasaan jira jechuudhaan ummata ethiopiatti kijiba gurguddaa himaa jiraachuun isaanis beekamee jira.mallas zenawi dhukkuba cancer kanaan erga qabamee waggaa tokko kan ta'e yommuu ta'u yeroo dheeraf asitti deddeebi'ee yoo wal'dhaanamaa tureyyuu dhukkubni kun kan dawaa ykn qorcha hin qabne waan ta'eef lubbuu isaa du'a irraa baraarun kan hin danda'amne ta'uu isaas gaazexaan kun hin dhoksine.barata university oxford kan ture mucaan mallas zenawi jidduu kana ibsa gaazexessitoota biyya beljiquef kenneen abbaan isaa rakkoo addaa addaa keessa darbuudhaan qabsoo adda bilisa baasaa umma tigraay keessattis waggoota dheeraf hojjachaa kan turee fii erga walabummaan biyya ethiopia argamee boodas boqonnaa tokko malee waggoota dheeraf hojjachuu irraa kan ka'een dhukkuba cancer kanaaf saaxilamuu danda'eera erga jedhee dubbatee booddee abbaan isaa mallasaa zenawii abbaa ilmaan 3 ta'uu isaas itti dabalee dubbachuudhaan ibsa gaazexessitoota biyyattitif hime irraa kan hubatame yommuu ta'u gaafii fii deebii inni gaazexessitoota biyyatti wajjin godhes gaazexaan dhuunfaa kun gabaasee jira.

    Egaa waa'een mallsaa zeenawwii ammaaf kan kana fakkaatu yommuu ta'u fuula duraaf akkuma oduu argannetti akkasumatti reenfi mallasaa zeenawwii biyyatti yoom akka galuu fii akkamitti akka awwaalamus odeeffannoo adda addaa eggachaa jiraachuu keenya isin beesisa hirmaannan keessan yeroo hunda akka nu faana ta'u isiniin jechuudhaan barreeffama har'a asuma irratti raawwanna.

4 comments:

  1. This comment has been removed by the author.

    ReplyDelete
  2. Akka shaggaati dhihaate, dhugaa akka ta'u hawwa!!

    ReplyDelete
  3. Jabaadhaa warrii marsaa kana deemsiftan.

    ReplyDelete
  4. This comment has been removed by the author.

    ReplyDelete