Monday 23 July 2012

              Ammas akkuma kaleessaa.
          .Duraan dursee akkam nagaa jirtuu jechuudhan jalqabuun barbaada.itti aansee hordoftoota amantii muslima hundaan baga  soommanaan isin gahe jechuun barbaada.ammaan dura jala bultii ramadaanatiin baga isin gahe jedhee yaada isiniif dabarsaan ture.ammas baga waliinuu ittiin nu gahes jechuun barbaada.Egaa itti aansudhaan yaada tokkon qaba ture sunis akkuama beekamutti ammaan dura sababa tokkummaa dhabuutin rakkon lammummaa jarraa dheeraa nurratti raawwachaa ture ammas nu irratti raawwachaa jira.kunis gabrummaa sabota biraa irra gahaa jiruu fii irra gahaa tureen kan adda isa godhu lammummaa fii amantiidhan gabroomfamuun oromootaa sadarkaa jibbamaa irra akka jirus hubatamaadha.

              .Kana malees haalli yeroo ammaa baatii ramdaananatiin ayyulee amantii fii abboota amantii gurguddoo warra ta'an dabalatee yeroo ammaa manni hidhaa wayyaanee guutamuudhan warranni wayyaanee ammaa manniin sagada amantii islaamaa kanneen fifinnee keessatti argaman hunda buufata waraana ishee godhattee jirti.egaa haalli kun yeroo duraa lammummaadhaan gaafa nu jalqabdu wayyaanen otuu calli jennee fudhachuu baannee yeroo ammaa kanas gara amntii keenyatti dabartee nun gabroomfattu turte.badii tokko malee ummata muslimaa mana sagadaa keessaa walitti funaanudhaan leellistoota amantii warra Al-qaa'idaatti hidhata qabu ittin jechuudhaan yeroo ammaa kana ayyuleen amantii irra guddaan isaanii eessa buuteen isaanii dhabamee kan jiruu fii finfinnee keessaa baasanii gara biyya naannoo biraatti akka hidhanis hubatamee jira.warri wayyanee gaafa oromiyaa seentu mirga oromootaa lammummaan oromoo akka of beekee hin dammaqne irratti xiyyeeffatee mirga lammummaa oromoo sarbitee jiraachisuun labsii baafatte.labsiin sunis akka galma gahuun warri taasises warra afaan oromoo dubbatuu fii wrra lammii oromoo himatu akka fakkeenyatti abbaa duulaa gammadaa /minaasee walda goorgis/ fii kumaa dammaksaa/taayyee walda samayati/maqaa kaasun ni danda'ama.haaluma kanaan maqaa namoota kanaa fii warra namoota kana fakkaatan warra wayyaanee dura bu'ee karaa itti agarsiisaa fidee fii gaadaa oromoo keessa warra ilmaan tigraay agarsiisaa turanin gargaaramanii karoorri isaan karoorfatani akka galma gahuuf sababa kan ta'an warra oromoo himatu kanaa fii warra oromoo fakkaatee afaan oromoo dubbatu kanaan ture.

          .Bara 1990mman keessa qabsoon bilisummaa oromoo finiinee sadarkaa gaanfa afrikaatti sodaachisuu bira darbee addunyaa kan yaaddesse ta'uu isaa kan hubatan ilmaan tigraay atattamaan fedhii isaanii akka guutamuuf oromoota walitti qabdee dhaaba haqaa of fakkeessuudhaan mooraa waranni dargii itti leenjifamaa ture *Taxaq*bakka jedhamutti bara 1991-1993 otuu leenjii kana adda hin kutin ilmaan oromoo lakkoofsan 200.000 ta'an waggota 3 keessatti leenjitee gara ummata oromootti qajeelchudhaan ummata oromoo irratti akka duulaniif karaan isheen saaqxe ammas akkasummatti banaa jiraachuu isaa beekamaadha egaa haaluma kanaan kaayyon isaanii akka galma gahuu fii sodaan isaan oromoo irraa qaban akka irriba isaa dhoorkaa ture hunda itti abjootaa kan turan ilmaan tigraay erga warana oromoo leenjifatanii booddee akkasumatti sana duras warana oromoo jalee nama 6000 kan qabaachaa turte yommuu ta'u erga biyya keessa seentee kan leenjifatte wajjin humni isheen barbaaddu yoo hi guutaminiifillee maqaa oromootin angoo dhabuutti kan abjootaa turte gara booda garuu abdii tokkoon marsaa lammaffaa warana leenjisuuf karoorfatte keessaa naannoo wallagga bahaa magalaa naqamtee cinaatti kan argamtu mooraa leenjii waranaa dargii kan turte *calalaq* bakka jedhamtutti dargaggoota oromoo walitti qabattee leenjii ishee itti fufte.dargaggoon oromoos garee wayyanee kana wajjin leenjifamuun dirqama kan itti ta'e:-tokko yeroo sanatti adda bilisummaa oromoo fii dhaabbata dimokiraasummaa oromoo addaan wallaaludhaan qabsoo haqaa se'anii warri gara qabsoo wayyaanetti dabalaman akka jiranii fii lammaaffaa ammoo warra isaan dura garee wayyaanee keessa ture arcaatuu dargii warra afaan oromoo dubbattu gaafa dhaaba wayyaanee kana keessatti argan dhaaba haqaa kan oromoof qabsaawan itti fakkaatee abdii tokkoon gara dhaaba kanatti dabalamuudhaan wayyaneef jalee ta'uudhaan hojii isaanii itti fufu.haala kanaan wal qabachuudhan ture akkataan wayyaanen humna namaa keessumatti kan oromootaa baayyifachuu kan dandeesse jechuudhaan warri haala kana gadi fageenyaan qoratan ni dubbatu.mee egaa waa'ee barreeffma kanaa kutaa lammaffaa fuula duraa keessatti kan itti fufamu yommuu ta'u haalli yeroo amma kun ammoo lammuummaa irraa gara amantii oromootatti tarkaanfachaa dhufuu isaatu akka malee oromoota biratti yaaddessaa ta'ee argamaa jira.dhugumaan haalli amma oromoota irratti hojjatamaa jiru kan nama yaaddessuu fii maal ta'uu akka qabus ayyuleen amantii fii ayyuuleen seenaa oromoo tokko tokko yaada kennaa jiru.

No comments:

Post a Comment